1 Chronicles 10:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan nama miha isaa ka lola isa jala baatuni jed'e, Goraade tante qalqala keesaa fud'ad'i, lubbu na kuti, aka worri Waaqa imbeenne kunini na qabe, nati tabate na inijeemne. Ammo namichi sunini mudame isa ijeesu dide. Jennaani Sauloni goraade ufi fud'ate ufi jala d'aabe iti dirme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol loltu isa gargaaruun, «Worri hin gadoomne kunniin dhufanii akka natti hin taphanne guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen; loltuun isa gargaaru sun garuu sodaatee dide; Saa'ol Yoma san guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee itti dirme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol namicha meya lolaa ka isaa ba'atuun, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee akka natti hin taphanne, ati shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun ammoo, guddoo waan sodaateef, tana hin goone. Tanaaf, Saa'ol shallaagaa ifii fudhatee, isa irratti ifi dire.