1 Chronicles 10:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli ka bale Yezreeli keesa tau, aka askartini Israeli baqate Saulofi ilmaani isa fit'ani d'ageennaani, dira ufi ch'ufa lakise baqate. Jennaani worri Filisti d'ufe dira suni ch'ufa fud'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii ka dhooqa keessa jiran akkuma dheessaniin akka Saa'olii fi ijoolleen isaa ta dhiiraa sadiin dhumte haga argan qachaa ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii garuu dhufanii qachaa isaanii san qabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti dhooqa san keessa jiranu, loltooti isaanii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Worri Filisxeemotaa dhufanee qachoota san qabatane.