1 Chronicles 10:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyyaate worri Filisti reefa worra Israeli miha ira hiikhachu d'ufe jennaani, Reefa Saulotifi ka ilmaani isaa, ka gaara Gilboa ira ch'iisu, argani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaa lolaa san worri Filisxeemii worra du'an waan isaan qaban maraa irraa hiikkachu'uuf hennaa dhufan reeffa Saa'oliitii fi reeffa ijoollee isaa ka gaara Gilbo'a'aa irratti kufeeru argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa worri Filisxeemotaa, worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa gaara Giilbo'aa irratti dhaggane.