1 Chronicles 11:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'e, Anini bisaani kana dandae ind'ugu! Yo d'uge, nama d'iiga worra lubbu ufi jibbaate kana d'uge fakaad'a jed'e, d'ugu dide. Wonti jabduuni worri askarti sadeeni gura qabdu taani tolchite tana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga worra jannaa ka lubbuu ufiititti murteessee dhugeeti» jedhe. Kanaaf bisaan san dhuguu hin barbaanne; hujiin jannumma'aa ka jarri sadihii sunniin raawwatte kanniin fa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akka ani bisaan kana hin unne Waaqi narraa fageessuu ti! Bisaan kana uniis akka ani dhiiga namoota lubbuu ifii gurguratanee, bisaan kana fidanee unaneetii motii ree?» jedhe. Tanaaf inni bisaan san hin unne. Namooti goototi sadiin sun wonni godhane tana.