1 Chronicles 11:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni namicha Misiri gudda toko, ka d'eerinni d'und'uma shani, ka woraana bode gudda qabu, bokuuni d'ae qabe, woraana iraa fud'ate, woraanuma isa sunini ijeese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama biyya Misirii tokkollee ka lolaan gurra dhagayate, ka woraana harkaa qabu, ka hojjaan isaa meetira lamaa ol ta'e jabaa tokkollee ajjeeseera. Banayaas ulee malee uduu meeshaa lolaa ka biraa harkatti hin qabanne nama biyya Misirii tokkotti dhiyaatee dhayeenii woraana isaa ka meeshaa worra woccuu dhawuu fakkaatu irraa fudhatee ajjeeseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni nama biyya Gibxi'ii ka ciqilee shan dheeratu tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun, eboo somey isi'ii muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu itti maru fakkaattu qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese.