1 Chronicles 11:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jaaroleeni Israeli ch'ufti Daudi ka Hebroni jiruti d'ufte. Inni AABBO Waaqa durati wold'aqisa worra woliini tolfate, duuba worri isa muude, hayyu Israelile isa tolche, akuma AABBO Waaqi duri Samuelini biyyaati hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti mooticha Daawiti bira yennaa dhufane, inni fuula Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo gondoorate. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Saamu'eliitiin dubbatetti, isaan akka Daawiti Israa'el irratti mootii te'u muudane.