1 Chronicles 12:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko jia qara ka ganna toko, bara galaani Yordani fach'ae worri galaana taake, worra bale keesa ilaborutifi ila adu tau gargari baqachise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
worri ji'a jalqabaa irratti hennaa lanni Yoordaanosii qacce'ee ka'ee haga qacce'eetitti guute ceeyan kanniin. Isaan kunniin worra dhooqa keessaa cinaa gara baya biiftu'uutii fi cinaa gara dhiya biiftu'uutiin jiran maraa ari'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane.