1 Chronicles 12:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani lubbuuni Waaqa jara keesa, namicha Amasai jed'ani toko, ka eege jara sodoma kaani mata iti tahe, ira buute, jennaani inni waan jed'e, Daudi ilma Yese, nu goli tanteeti! Waaqi siifi goli tante ch'ufa qarqaare eebisinna, inni gamuma kanke jira, Daudini worra fud'ate goli ufiiti dare askarti isa keesa guddinna kenneefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hafuurri Woyyuun Rabbii bulchaa namoota soddomaa Amaasaayiin irratti bu'e; Innillee, «Daawiti! nu keeti! Ilma Isseyii! Nu si woliin jirra! Si'ii fi worra si gargaaran maraafuu nageenni haa ta'u! Rabbi si bira dhaabatee si gargaara!» jedha'aa laagaa ufii ol qabatee iyye; Daawitille gammachu'uun isaan simatee bulchootaa fi loltoota ufii isaan taasise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee, «Ee Daawiti, nuuti keeti; Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra; Waaqi waan si qarqaaruuf nageenni siif te'u! worra si qarqaaruufille nageenni te'uu ti» jedheen. Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate.