1 Chronicles 12:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari gosa Manase hagi toko d'ufe, goli Dauditi darame gaafa inni worra Filisti woliini Saulo had'u d'aqe. Ammo taatule inni worra Filisti inqarqaare, wonti akanatiifi hayyooti worraa waan Daudini harka Sauloti worra kenne seete sodaate; tanaafi isa Ziklagiti keesa deebisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Daawiti worra Filisxeemii woliin Saa'oliin lolu'uuf baye loltoonni hagoon worra gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin gargaaru'uuf deeman; bulchoonni worri Filisxeemii garuu «Daawiti nu ganee gara Saa'olii gooftaa isaa ka duriititti deebi'a» jedhanii waan sodaataniif haga mari'ataniin maayessa gara Tsiglaagii akka deebi'u godhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane.