1 Chronicles 12:40 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma waan worri Israa'elii guddisanii gammadaniif worri gosa Yisaakoorii, worri gosa Zaabilooniitii fi worri gosa Niftaalemii ka isaanitti dhiyoo jiran waan nyaatan Daakuu, Muka hurbu'uu, Daraaraa Zabiibii, Harree, Farda, Gaange'ee fi Sanga'atti daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa fe'anii fidan; Horii, Hoolotallee qabatanii dhaqan; kunniin maruu gammachuu banii biyya san keessa jiru maraati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane.