1 Chronicles 12:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini maqa askarti gurra qabdu, ta guddo huji beetu, ta gosa Gadi, ta d'ufte goli Daudi taate, gaafa inni lafa gamooji fulla jabeesani jaarani, keesa tau. Worri kunini ch'ufti guddo wonteefi woraanani woi had'u beekha, fuuli worra aka fuula nyeench'a nama sodaachisa ammalle akuma gadamsa gaara ira oria.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti Kushee lafa gammoojji'ii keessatti argamu keessa uduu jiru worri loluu danda'an ka gurra bayan dhufanii Daawitiin gargaaran worra wonte'ee fi woraanaan loluu beekanii fi worra akka leencaatitti nama sodaachisanii fi worra akka kuruphe'eetitti utaalan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti.