1 Chronicles 14:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Filisti aka Daudi muudani hayyu lafa Israeli ch'ufa tolchani d'ageennaani duula baase isa qabu d'aqe. Tanaafi Daudini worra fuula keesa deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Filisxeemii akka Daawiti worra Israa'elii maraa irratti mootii ta'ee muudame dhagayan; worri Filisxeemii maruu hennaa waan kana dhagayan Daawitiin qabu'uuf soqaa yaa'an; Daawitillee haga waan kana dhagaye isaaniin lolu'uuf baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti biyya Israa'elii irratti mootii akka te'e worri Filisxeemotaa yennaa dhage'e, marti isaaniituu isa qabiisaaf ol bayane; Daawitille isaan loliisaaf duula itti baye.