1 Chronicles 16:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini worra gosa Lawi haga toko fohate, aka worri huji kad'acha AABBO Waaqa Israeli, Sanduqa Wold'aqisa durati, tolche galata deebiseefi isaa faarsu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti akka saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti tajaajilan, Rabbii Waaqa Israa'elii jajanii akka isa kabajjanii galatoonfataniifillee worra Leewwotaa keessaa namoota hagoo muude.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file.