1 Chronicles 17:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka maqaani kanke haga jiru jireenna guddate, duuba namileeni, AABBO Waaqi guddaani Waaqa Israeli jed'u! Akanaani worri hojattu tante Daudileni si durati hore bulu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa inni Waaqa Israa'eliiti; dhugamaan inni Waaqa Israa'eliiti akka jedhamu maqaan kee baraa haga bara baraa jaba'aa fi guddaa haa ta'u; manni garbicha kee ka Daawitii jabaatee waan dhaabateeruuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti.