1 Chronicles 18:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jennaani ilma isaa Yoramu Dauditi erge, nagaya iti naa himi, atini aka d'iira taate, ka Hadadezeri, nama nu maro heddu woli haane dabsate balleesite jed'iini jed'e. Yoramuni waan worqifi qarsifi sibiila diima mid'aasani Daudi geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Too'u mooticha Adira'aazaariin woliin hennaa maraa waan wol lola'aa tureef Daawiti mooticha Adira'aazaariin lolee waan mooyateef nagaya isa gaafatee akka isa eebbisuuf ilma ufii Adooraamiin gara Daawitii erge. Inni meeshaa worqii irraa hojjatame, meeshaa birrii'ii fi sibiila diimaa irraa hojjatame qabatee Daawitiin bira dhaqe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse.