1 Chronicles 18:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini gaari isaa ka kuma tokotifi askarti isaa ta farda nama kuma torbatifi askarti miilaani yaatu nama kuma diddama qabe, farda gaari hirkisu, ka d'ibba toko gahu, lakise, ka iraa hafe ch'ufa nanaafachise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti isa irraa konkolaataa fardaa kuma tokko, worra fardaan lolan kuma torba, worra lafa'oo kuma diddama booji'ee faradoo konkolaataa fardaatiif ta'an dhibba tokko callaa dhiisee faradoo kaawwan garuu moorgaya mogole'ee kukkute.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise.