1 Chronicles 19:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Shamu aka Israeliini worra dabsate agarraani, askarti isaani ta galaana Efrati gama ilaboru jirtu, ta Shobakini, nami gudda askarti Hadadezeri hayyu Soba iti mata, gayaamani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Sooriya'aa hennaa akka worra Israa'eliitiin mooyataman argan namoota erganii worra Sooriya'aa ka laga agama jiran fijjisiisan; bulchaan loltoota Adira'aazaarii Shoofaaki isaan afoo ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Aaramii Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, namoota erganee worra Aaramii ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu waammatane; Ajajaan loltoota Hadaad-Ezerii Shofaak isaan sooresse.