1 Chronicles 2:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yudaani ilmaani d'iira shani qaba. Niitiini isaa ta gosa Kanaani, ta Bathshua jed'ani, ilmaani sadi d'alteefi: Eri Onani, Shela. Ilmi isaa angafa ka Eri jed'ani, waan hamtu tahe jennaani AABBO Waaqi ijeese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan dubartii gosa Kana'aanii Seewaa irraa Eer, Awunaanii fi Seeloomiin uumate; Eer ilmi hangafaa ka Yihuuda'aa Rabbiin afo'otti waan nama hamaa tureef Rabbi hin qoomeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese.