1 Chronicles 20:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa bokaya ganna, ka hayyooti duula d'at'u, Yoabuni askarti isaatini duule lafa Amoni had'e; ammo hayyuuni Yerusalemumati hafe. Worri dira Raba marse had'e balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara itti aanu jalqaba wogga'aatitti hennaa mootonni lolaaf hiriiranii bayan Iyyoo'aabi loltoota ufii yaasee biyya Amoonii balleessee dhaqee qachaa Raabaatii marse; yoo san Daawiti Yerusaalemiin keessa ture; Iyyoo'aabi lolee Raabaatiin dhayee balleesse
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ji'a furmaataa yennaa moototi duultu, Yo'aab loltoota fuudhee deeme. Inni lafa Amoonotaa balleessee, gara qachaa Raabaalle dhaqee marsee, lolee balleesse. Daawiti ammoo, qachaa Yerusaalemii keessatti hafe.