1 Chronicles 20:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi worra Amoni, ka Milkomu jed'ani, sure worqi, ta ulfinni isii kilo sodomi afuri, qaba. Sure suni keesa d'akha ch'ululuqati jira; Daudini d'akha suni fuud'e, sure isaati keeyate. Ammalle inni waan hedu dira suni keesaa boojie.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti gulloo ulfinnaa ka mootii isaanii harkaa fudhatee mata'atti godhate; gulloon sun kiilogiraamii soddomii afurii ulfaata; waan gatii gudda'aa ka worqii caalutu keessa jira; gulloo san fuudhanii Daawitiin irra kaayan; inni boojuu guddaa qachaa san keessaa fudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti kallacha waaqa dharaa Miilkomii ka worqii dhakaa gatii guddo'ootiin hujame, ka gara kiiloogiraama soddomii afurii fudhatee, mataa ifii irra keyate. Inni boojuu bacaa qachaa san keessaa fudhate.