1 Chronicles 20:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Gathiti woli had'ani, fulla namichi d'eerani furdaani harkaafi miilale quba jaa qabu jiru. Inni d'aloota worra d'ed'eera fufurda duri kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma biyya Geetii irrattillee woraanni ta'ee achi keessa nama harkaa fi luka isaa irra caaccuu jaha jaha, wolumatti qaba'atti nama dheeraa qubbiin diddamii afurii qabutu jira; Innillee nama gosa Raaffaayimii keessaa dhalate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma lola Gaatii ka dhibii keessatti nama akka malee furdatu, ka sanyii Refaa'otaa te'e, ka harka ifii tokko tokkoo fi miilla ifii tokko tokkooyyuu irraa quba jaa jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu.