1 Chronicles 21:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oola ganna sadi ta lafa teti d'uftu mo? Jia sadi ka nyaapa kanke baqatu mo? Guyya sadi ka AABBO Waaqi woraana ufiitini si had'e, d'ukuba ch'iisa hama lafa teeti buuse, malaika isaatini duisa lafa Israeli ch'ufatini d'ufu mo? Kama feeta? Anini qonqo tami Waaqati deebisa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Beela woggaa sadihii, haga ji'a sadihii diina keetiin ari'amuu, yookaan guyyaa sadihiif Rabbi guraade'een si dhayu'uuf balaa buusee maleekkaa ergee banii Israa'elii maraa ajjeesee ka balleessu keessaa ati kam filatta? kanaaf waan ani Rabbitti himu natti himi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
beela woggaa sadiif sitti fiduu yookiin ji'a sadiif diina keeti biyya teeti keessa deemee kolbaa teeti balleessu yookiin ergamaan kiyya guyyaa sadiif shallaaga'aan yookiin bala'aan lafa Israa'elii mara keessaa namoota akka fixu filadhu› siin jedha. Amma ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhuutii natti himi» jedhe.