1 Chronicles 21:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni malaika ufi, ta dira Yerusalemu balleesitu, erge, ammo eege herega jijirate waan malaikaani jed'e, Laki, ta qaraatu ya geete, yaala bahi! Yo suni malaikaani oobdi Arauna, ka gosa Yebusi, d'aatu ejiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Rabbi Yerusaalemiin balleessu'uuf maleekkaa ergee ture; garuu hennaa inni Yerusaalemiin balleessuu jalqabu balaan banii irra gaya'aaru Rabbiin gaddisiisee maleekka'aan «Balaan haga amma isaan irra gaye hin gayaa dhaabi» jedheen; hennaa san maleekkichi oobdii Oornaa nama gosa Iyyaabusii bira dhaabateera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi Yerusaalem balleessiisaaf ergamaa ifii erge; ergamaan sun ammoo adoo balleessiisatti jiruu, Mootiin Waan Maraa badii qacha'aa san dhaggee gaddeefii, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu.