1 Chronicles 22:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana atini jaaru malte kana anini yayu irruma tiyyaani worqi ulfinni isii kilo kuma maro kuma saditifi kuma d'ibba afuritiifi qarsi ulfinni isii kilo kuma maro kuma d'ibba saditifi afurtama olkaye. Suni male sibiila diimafi sibiila d'ibi hedu ka nami dandae haga isaa imbeenne ya kurfeese olkaye. Ammalle mukhaafi d'akhale ch'ufa ya kurfeese, ammo atini iti daru malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani kunoo gara kiyyaan worqii toonii kuma sadihiitii fi dhibba afuriitii fi saqilii toonii kuma soddomii afuriitii olii wolitti sii qabeera; sibiila diima'aa fi sibiila adda addaa sii qopheesseera, mukaa fi dhagaallee sii qopheesseeraa ka hafe ati itti eda'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ijaarsa Galma Mootii Waan Maraatiif rakkinna gudda'aan worqii kiiloogiraama miliyoonii sadii fi kuma dhibba afurii fi shantama, sageettuu kiiloogiraama kuma soddomii afurii fi dhibba shanii fi sibiila dhibii ka kiiloogiraam isaa hagana hin jedhanne, akkasuma mukaa fi dhakaalle qopheesseera. Atille itti ede'i.