1 Chronicles 22:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Daudini waan jed'e, Mani Waaqa, ka ilmi kiyya Solomonini jaaru, mana mid'aaga lafa ch'ufa keesa beekhani, tahu male. Ammo inni ijoolle, ammalle arga d'ageeti inqabu, tanaafi anini waan ch'ufa isaa kurfeesu male, duuba sunifi Daudini ato induiini miha heddu muumme inqamne kurfeesefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti, «Manni woyyuun Rabbii ka ilmi kiyya Solomoon ijaaru ka guddisee bareedee fi ka gurra dhagayate ta'uu barbaachisa; garuu inni waan mucaa diqqaa ta'ee fi ka beekkumsaanillee hin guddanne waan ta'eef ani waan maraa hin qopheessaaf» jedhee yaade. Kanaafuu Daawiti uduu hin duuneen duratti meeshaa manni woyyuun Rabbii ittiin ijaaramu maraa qopheesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti, «Ilmi kiyya Solomoon dargaggeessa; muuxannoolle hin qabu; Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramu miidhagaa, gosa biyya adda addaa duralle'etti beekkama'aa fi lafa maratti ka ulfinna qabu te'uu qaba. Tanaaf, ani waan barbaachisu hin qopheessa» jedhe. Maarre Daawiti du'a ifiitiin dura waan ijaarsaaf barbaachisu bacaa qopheesse.