1 Chronicles 22:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma ilmati sii d'alata, ka nagayaani lafa fiddu, wonti akanatiifi anini nagaya isaa kenne, nyaapa isaa ch'ufa duraa balleesa. Maqa isaa Solomoni baasiifi, wonti akanatiifi bara inni lafa fidu anini lafa Israeli nagayafi bad'aad'a tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
garuu nama nagayaatitu sii dhalata ani diintota naannoo isaa jiru maraa irraa hara isa baafachiisa; maqaan isaa Solomoon jedhama bara mootummaa ufiititti banii Israa'eliitiif nagaya kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, ilma nageyaatii fi fooraa si'iif hin kenna. Ani diinota adaala isaa jiranu mara irraa isa hin foorfachiisa. Bara mootummaa isaa keessa ani nageyaa fi foora kolbaa Israa'eliitiif waan kennuuf, maqaan isaa Solomoon hin jedhama.