1 Chronicles 23:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmi isaa ka angafa Amramuuni abba Harunitifi Musa. (Harunifi ilmaani isaa eebisani, huji miha woyyuma ch'ufa haga jiru jireenna worrati kenani, aka worri hojja AABBO Waaqa kad'atani hit'aana aarse isa hojate maqa isaatini gumi eebisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Imbaraamii Aaroonii fi Muuse'e; Aaroon kaawwan maraa caalaa woyyuu ta'u'uuf fooyame; inninii fi ijoolleen isaa baraa haga bara baraa seera Waaqa waaqeffachu'uu irratti hixaana akka aarsanii fi akka Rabbiin tajaajilan, maqaa isaatiinillee banii eebbisu'uuf fooyaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmaan Amraamii: Aaronii fi Muuse'e. Aaronii fi sanyiin isaa waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisaaf, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf, isa tajaajiliisaaf, maqaa isaatiin namoota haga bara baraa eebbisiisaaf adda baafamane.