1 Chronicles 23:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini ch'ufti nama d'aloota Lawiti, balbalafi worra isaani gula, ka worra ch'ufa maqa t'aafani. Nami d'aloota isaa kunini ch'ufti, ka ganni isaa diddama yokhaani hagasi dabre, huji Mana AABBO Waaqa keesa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa worri akkaataa gosaa fi fiixaa isaaniitiin himaman kunniin fiixaa gosa Leewwi'ii yoo ta'aan, marti isaaniituu maqama maqaa isaaniitiin himamaniiran; fiixaan gosa Leewwi'ii ka umuriin isaa diddamaatii fi ka achii olii maruu hujii mana woyyu'uu keessatti hojjatamu keessatti gayee guddaa qaban ture;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan kun marti gosa Lewwi'ii worra akka maatii maatii isaaniititti, akka sooressitoota maati'ii te'anee adduma addaan barreeffamane; isaan keessaa nami woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaa olii hujii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujamu keessaa worra qooda qabaate.