1 Chronicles 23:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nama kuma afuri ka fullo eegu tolche, ammalle nama kuma afuri, ka miha sirba ka hayyuuni mid'aaseeni sirbe maqa AABBO Waaqa faarsu, tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namoonni kuma afurii worra balbala mana woyyu'uu eegan turan; namoonni kuma afurii garuu meeshaa faaru'uu ka mootichi isaanii kennuun faaru'uun Rabbiin galatoonfatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
namooti kum afur karra eeganuu ti; namooti kum afur meya ani akka ittiin leellifatanuuf qopheesseen Mootii Waan Maraa leellifatanuu ti» jedhe.