1 Chronicles 24:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan hujiini worra d'aloota Eleazaritifi Ithamari ta Mana Waaqatifi, ta Waaqa hojjatanileeni taka taateefi, huji suni hit'aani worraa qoodani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee El'eezeriitii fi ijoollee Itaamirii keessaa worri mana woyyuu Rabbii keessa tajaajilan waan jiraniif akkanatti akka hixa'aan tajaajilaniif qooda isaanii kennan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maatiin Ele'azaariitii fi maatiin Itaamaarii qondaaltota Dunkaanii Woyyitti'iitii fi qondaaltota Waaqaa waan te'aneef, hixaa buusiisaan ramaddiin huji'ii isaaniif kennante.