1 Chronicles 25:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudifi jaaroleeni gosa Lawi worra gosa Lawi kana huji eebati fohate: Asafu, Hemani, Yeduthuni. Hujiini worraa aka dubbi Waaqa odeesani, kiraarifi bilbila d'aani Sirbani. Maqaani worra fohatani eeba tolchu kana, hujiini worraleeni tana:
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daawitii fi bulchoonni Leewwotaa Asaaf, Eemaanii fi ijoollee Yidutu'uu, faaruu Hafuurri Woyyuun isaanii kenne masiinqo'oon, meeshaa sagalee guddaa dhageessisuun, meeshaa shaka shaka jedhuun isaan marsanii akka faarfataniif isaan fooyan; maqaan worra tajaajila kana tajaajilanii
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawitiin mootichi ajajjoota loltootaa woliin sanyii Lewwootaa keessaa ilmaan Asaafii, ilmaan Hemaaniitii fi ilmaan Yedutuu keessaa namoota kiraaraan, kiraara guddichaa fi sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun qarqaaramanee waan Waaqi isaanitti mudhisu faaru'uun dhageessisanu filee adda baase. Maqaan namoota hujii tanaaf filamanee asii gad jira: