1 Chronicles 25:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmaani isaa tunini ch'ufti, abba worra jala, hojatte, aka eebiti Mana Waaqa keesa toltu bilbilafi kirari d'oofte sirbite. Ammalle Asafufi Yeduthunifi Hemanini hayyu jala hojatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin maruu worra mana Rabbii keessatti meeshaa shaka shaka jedhuun, meeshaa laagaa guddaa dhageessisuun akka faarfataniif mana woyyuu Rabbii keessattillee abbaa ufii Asaafiin jalatti tajaajila'aa turan; Asaaf Edootaamii fi Eemaan ajaja mootichaa jalatti bulan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti kun marti akka ajaja abbootii ifiititti Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, kiraara guddichaa fi maseenqo'oon tajaajilane. Asaaf, Yedutuu fi Hemaan ajaja mootichaa jala jiraniiyyu.