1 Chronicles 26:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Daudini nama kuma lamatiifi d'ibba torba jajaba, nama abbooti worra ka fiit'a Yeria fohate, huji Waaqatifi huji hayyule, ta galaana Yordani ilaboru lafa Reubenitifi ta Gaditifi ta gosa Manase ta ilaboru, lafa Israeli keesa harka worrati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan isaa worri jajjaboota ta'an bulchoota manniin abboota isaanii keessaa namoota kuma lamaa fi dhibba torba turan. Mootichi Daawiti worra laga Yoordaanosiitiin gara baya biiftu'uutiin jiran worra Roobeelii, worra Gaadiitii fi cinaa gosa Minaase'ee maraa hujii Hafuuraatii fi hujii mootumma'aa maraa akka hojjataniif isaan muude.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.