1 Chronicles 27:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini maqa abbooti worraatifi jaarole gosatifi ammalle worra gugurda, askartile ka lafa Israeli keesa huji hayyu hojatu. Ganna keesa jia ch'ufa worri suni, nami kuma diddami, afuri, namicha gudda worraa jala, jia jiaani huji suni hojata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Israa'elii keessaa bulchoonni manniin abboota isaaniitii fi ajajoonni dhibbaatii fi loltoota kumaa ka mooticha wogga wogga'aan, ji'a ji'aan tajaajilu'uuf yaa'an laakkobsi isaanii namoota kuma diddamii afuriiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti sooressitoota maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaa, qondaaltoti isaan gurmeessanulle kutaa woraanaa keessatti mootummaa kanaaf tajaajilane; kutaan woraanaa tokko tokkoon isaatuu namoota kuma diddamii afur ifi keessaa qabu kun woggaa keessatti ji'a tokko tokko hujatiisaaf, kutaan haarenni yennaa dhufu ka hujate ammoo hin galaayyu; tarreen isaanii asii gad jiran: