1 Chronicles 28:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Israeli anaafi d'aloota kiyya fohate, aka nu haga jiru jireenna Israeli mohanu. Inni gosa Yuda fohate, aka hayyuuni keesaa d'alatu, ammalle gosa Yudale keesa worra abba kiyya fohate, worra keennale keesa inni na jaalate, na fohate, hayyu gosa Israeli ch'ufa na tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi Israa'elii garuu baraa haga bara baraa worra Israa'elii irratti mootii akka ta'uuf mana abbaa kiyyaa keessaa na filate; Yihuudaallee akka bulchaa ta'u filate; mana Yihuuda'aa keessaa mana abbaa kiyyaa filate; ijoollee abbaa kiyyaa keessaa mana Israa'elii irratti na moosiu'uuf na filate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani kolbaa Israa'elii haga bara baraa bulchuuf, maatii abbaa kiyyaa duudii keessaa na fileera. Gosa Yihuda'aa sooressitoota akka te'anuuf, sanyii Yihuda'aa keessalle'ee maatii abbaa kiyyaa filatee, ilmaan abbaa kiyyaa keessalle'ee akka ani kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'uuf natti gammadeera.