1 Chronicles 28:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma, gosa tiyya, Waaqa keennafi gumi worra AABBO Waaqa tana ch'ufa durati, seera AABBO Waaqa keenna kana ch'ufa jabeesa guuta, aka akasiini isani lafa dansa tana keesa teettani, ilmaani teesanileeni isani iraa d'aalte, haga jiru jireenna keesa teetu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin ammallee baniin kiyya Rabbii fi banii Rabbii Israa'eliin afo'otti ajaja Rabbi Waandhi keenna nu ajaje maraa seeraan akka raawwattan isin kadhadha; yoo waan kana gootan lafti michuun tun baraa haga bara baraa teessan taati; ijoollee teessanillee hin dhaalchiftan» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Maarre amma ani lafa dansaa tana akka dhaaltanuu fi ijoollee teessaniifille dhaala bara baraa akka gootanuuf, ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka dansaa akka eegattanuuf, kolbaa Israa'elii mara, wolde'a Waaqaa duratti, Waaqa keenna ka nu dhage'uu fi ka nu dhaggu duratti isin ajaja.