1 Chronicles 29:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Daudini waan gumi ch'ufaani jed'e, Ilmi kiyya Solomoni ka Waaqi fohate diqa, ammalle arga d'ageeti womatu inqabu. Hujiini hojachu malani muumme inqabdu, wonti akanatiifi mani sunini ka hayyutiniti, ammo ka AABBO Waaqati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daawiti banii maraanuu, «Mucaan kiyya Solomoon ka Rabbi filate ijoolle'e; manni ijaaramu garuu mana mootumma'aa uduu hin taane mana Rabbi itti waaqeffamu waan ta'eef hujiin isaa gudda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Daawiti gumii san maraan, «Ilmi kiyya Solomoon ka Waaqi filate kun mucaa diqqa'a; muuxannoolle hin qabu. Manni guddaan ijaaramu kun Mootii Waan Maraa Waaqaaf ijaarama malee, namaafii moti; tanaaf hujiin isaa tun hujii guddo'o.