1 Chronicles 29:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa keenna, wonti nu hori kana ch'ufa baamneefi, aka mana maqa kanke keesati guddisani jaarru, ammo wonti kunini ch'ufti siuma iraa d'ufte, keetuma.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqa keenna! maqaa woyyuu keetii mana ijaaru'uuf kennaan wolitti qabne kun maruu kama si biraa dhufe; wonti maruu keeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna, ulfinna Maqaa keeti woyyichaatiif Galma ijaariisaaf, meyaa fi horiin bacaan nuuti sii kennine marti si biraa nuu dhufane; wonni kun martinuu teeti.