1 Chronicles 29:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini haga dandau yayu miha Mana Waaqatini jaarani kurfeese — worqi, qarsi, sibiila diima, sibiila, guraacha, mukha, d'akhaaye ch'uch'ulut'ufi, d'akhaaye mimid'aadu d'ibi, d'akhaaye daakhaani barreesanifi ch'abbi ch'uch'ulut'u hedule.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee akkuma hunna kiyyaatitti worqii, meeshaa worqi'ii ka ittiin hojjatan, birrii, meeshaa birri'ii ka ittiin hojjatan, sibiila diimaa, sibiila hujii sibiilaatiif, muka hujii mukaatiif, dhagaa dhagaa qarsa'aatiif dhagaa adda addaa ka bifa adda addaa tartiibaan dhagaa jabaa calanqisullee qopheesseera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, ani haga hunna tiyyaatitti, Galma Waaqa kiyyaa ijaariisaaf meya worqii irraa hujamuuf worqii, meya meetii irraa hujamuuf meetii, meya sageettuu irraa hujamuuf sageettuu, meya sibiila irraa hujamuuf sibiila, meya muka irraa hujamuuf muka, akkasuma dhakaa Sardoniikiille, dhakaa gatii guddo'oo ka tarree galchanee ittiin mana miidhassanu, dhakaa gurraacha calalaqaa, dhakaa gatii guddo'oo ka bifa adda addaatii fi dhakaa adii calalaqaa baceessee qopheesseera. Isaan kana mara baceessee wolitti qabeera.