1 Chronicles 29:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan kana baase: worqi kilo kuma d'ibbafi torbatama, qarsi kilo kuma d'ibba saadiifi afurtama, sibiila diima kilo kuma d'ibba jaatiifi diddama, ammalle sibiila guraacha kilo kuma maro kuma saditifi kuma d'ibba afuri.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan fedha ufiitiin worqii kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi torbaatama, birrii kiiloo giraama kuma dhibbaa sadihii fi afurtama, Sibiila diimaa kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi diddamaa gawu, sibiila miliyoona sadihiitii fi kuma dhibba afurii olii kennan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijaarsa Galma Waaqaatiif worqii gara kiiloogiraama kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatama caaltu, meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi kuma afurtama caaltu, sageettuu gara kiiloogiraama kuma dhibba jaa fi kuma diddamaa kenniisaaf murteessane. Sibiila gara kiiloogiraama miliyoona sadii fi kuma dhibba afurii fi kuma shantama.