1 Chronicles 5:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Waaqi hayyu Ashuru, ka Pulu jed'ani (ka ammalle maqaani d'ibiini Tiglath-Pileseri) worra haasise. Inni gosa Reubenitifi, ta Gaditifi ta Manase ta ilaboru, boojie Halafi Aburifi Harafi d'aatu galaana Gosanitile qubsise haga arrale worri achuma taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Waandhi Israa'elii mootii Asoorii Telgeltelfelsooriin isaanitti kaasee biyya isaanii akka qabatu godhe; akka kanaan Telgeltelfelsoor gosa Minaase'ee wodhakkaa booji'ee fuudhee Bahaalaahii, Buhaaboorii fi Bahaaraa akkasuma ladda laga Goozaanii akka jiraatan godhe, haga adhaa achi jiraata'aaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Waaqi Israa'elii, mooticha Asoorii Phul ka, «Tiiglaat-Phileeser» jedhamu isaanitti kaasee, inni fira Ruubenii, fira Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee booji'ee, gara Kalaa, gara Kaaborii, gara Haaraatii fi gara laga Gozaanii lafa haga adhaa isaan keessa jiranu isaan geesse.