1 Chronicles 7:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini abbooti balbala worraa, ammalle worri ch'ufti nama woraana jajaba ka gurra qabu. Nami worri d'ale, ka huji woraana guutu, nama kuma kud'ani torbatifi d'ibba lama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan fiixaa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; isaan fiixaa maatii ufii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma kudha torbaatii fi dhibba lama turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmaan Yedii'elii tun martinuu sooreyyii maatii abbootii ifii ti; sanyii isaanii keessaa loltooti jajjabi lolaaf qophowane kuma kudhanii torbaa fi dhibba lama.