1 Chronicles 9:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Lawi, ka Yerusalemu keesa tae, kana: Shemaya, ilma Hashubu, ka ilma Azirikamu, ka ilma Hashabia, ka balbala gosa Merari; Bakbakari, Hereshi, Galali, Mataani, ilma Mika, ka ilma Zikri, ka ilma Asafu; Obadia, ka ilma Shemaya, ka ilma Galali, ka ilma Yeduthuni; Berekia ilma Assa, ka ilma Elkana, ka arda gosa Netofathi keesa tau.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa ka biyya Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan; Shaamayaa ilma Hashuubii, worra gosa Meraarii, abboota isaa ka duraa keessaa Aziriqaabii fi Hashabiyaa fa'a. Baaqbaqaar, Hereeshi, Galaali, Maataaniyaa ilma Miika'aa, abboonni isaanii ta duraa Zikaarii fi Asaafiin fa'a; Abdiyyu ilmi Shamaya'aa, abboonni isaanii ta duraa Galaalii fi Yiduutaaniin fa'a; Baraakiyaan ilmi ilma Aasaa ilma Hilqaana'aa ka ganda bulchiinsa Naaxoofii jala ture keessa jiraata'aa ture fa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lewwoota keessaa: ilma Hashubii Shemaa'iya'a. Hashub ka Azriiqaamii, Azriiqaam ka Hashabiiya'aa ti.