1 Chronicles 9:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami fohatani fullofi balbala eegu ch'ufti wolti nama d'ibba lamatiifi kud'ani lama, ammalle worra namu, ollowaani isaani gula t'aafani. Nami worra kana huji jabdu suni kenne Daudifi Samueli.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hulee balbala seenanii Rabbiin itti waaqeffatan haa eegani'iif filataman namoota dhibba lamaa fi kudha lama; kunniin worra Daawitii fi raattichi Saamu'eel akkaataa gosa isaaniitiin uf jalatti ramadan keessatti laakkayaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri seensuma karra Galma Waaqaa eegiisaaf filame, wolumatti dhibba lamaa fi kudhanii lama. Isaan akka hidda dhaloota isaaniititti olloota ifii keessatti barreeffamane. Isaan kun akka isaan karra eeganu worra Daawitii fi raagichi Saamu'el ramadane.