1 Chronicles 9:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worri Lawi, ka d'ibiini, Mana Waaqa keesa sirba. Nami worra kanaa mataa maneeni d'aatu Mana Waaqa jirtuti gale, huji d'ibi lakise halkanifi guyya huji suni ch'alla hojate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gosa Leewwotaa gari gariin faarfattoota turan; hujiin isaanii halkanii fi guyyaa waan ta'eef hujii kaawwan hin hojjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Lewwootaa keessaa sooressitooti maati'ii, faarsitooti, halkanii fi guyyaalle waan tajaajilanuuf, hujii dhibii irraa bilisa te'anee, kolloota Galma Waaqaa keessa le'an.