1 Corinthians 1:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, gargar bayiis odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani tiyya, anini maqa Aabbo keenna Yeso Kristotiini isani kad'ad'a: waan jettani keesati isani ch'ufti wold'aqa, aka wolmormitani wolind'amne; wold'aqa, heregafi waan feetani ch'ufa keesati takaa taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan tiyya, anin maqaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiin isan kadhadhaa, akka walmormitanii walhindhamne waan jettan cufaa keessaatti waldhaqaa, herregaa fi waan feetan cufaa keessaatti takkaa tahaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee, addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.