1 Corinthians 1:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee anatti himaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi, oboleyaani tiyya, fiit'aani Kloe d'ufte aka isani wold'abdani nati himte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan tiyya, akka waldhabii jidduu tessan jiru fiixaan Klo'ee dhuftee ya natti himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Isin jidduu wol mormiin akka jiru waan keessan maatiin Qalo'ee natti himaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Isin jidduu wol mormiin akka jiru waan keessan maatiin Qalo'ee natti himaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Jidduu keessan wol dhabbiin jiraachuu isaa, maatii Kole'ee irraa dhagayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee natti himaneeran.