1 Corinthians 1:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Waaqaa galata deebisa waan anini isani tokole imbatisiiniifi, Krispofi Gayo male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan Kiriisphosii fi Gaayos malee isanii tokkollee hincuuphiniif Waaqaa galata galcha!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee maqaa kiyyaan cuuphameera akka hin jinne. Qarphoosii fi Gaayiyoosii achi ani isin keessaa tokkollee waan hin cuuphneef Rabbiin galatoonfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee maqaa kiyyaan cuuphameera akka hin jinne. Qarphoosii fi Gaayiyoosii achi, isin keessaa tokkollee waan hin cuuphneef Rabbiin galateefadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani Qeeriisphosii fi Gaayosiin malee isin keessaa eennuun'llee waan hin cuuphiniif, Waaqa ni galateeffadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha.