1 Corinthians 1:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf ana hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammaddaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kristoni aka anini nama batisu na inergine. Inni aka anini Odu Dansa odeesuufi na erge, aka qalbi namatiini inodeesine aka akasiini duisi Kristoni maskali gubbati due jabeenna ind'amne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoon akka anin oduu dansaa himuuf na erge malee akka anin nama cuuphu na hin ergine, akka dooti kiristoon fannoo gubbaatti du'ee ulfina argatu hime malee, qarooma namaatiin haasa'ee, du'a Kiristoon fannoo gubbaatti du'e jabeenna hindhoore.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiristoos Dubbii Nagayaa haa himu'uuf na erge malee haa cuuphu'uuf na hin ergine. Fannoon Kiristoosii akka hunna hin dhabne dubbii Rabbii ka lallaba'aaruun ogummaa namaatiinii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kiristoos Oduu Nagayaa haa himu'uuf na erge malee, haa cuuphu'uuf na hin ergine. Fannoon Kiristoosii akka hunna hin dhabne dubbii Rabbii ka lallaba'aaruun ogummaa namaatiinii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos ka ana erge dubbii wongeelaa akka barsiisuuf malee akka cuuphuufii miti, fannoon Kristos tasa ta'ee akka hin hafinneef dubbii wongeelaa ka barsiisu, ogummaa haasaya namaa irraa argameenii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.