1 Corinthians 1:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beennne waan godheef, barsiisa akka gowwummaatti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffattu fayyisiisaaf fedhi Waaqa te'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Waaqi qalbi ufitiini nama qalbuma worraatini ufi hubachiisu d'owe, Waaqi qalbi ufitiini daalluma odu nu odeesiinutini nama d'ugefatu baase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif Waaqii qalbii ufitiin nama qalbummaa warraatiin ufi hubachiisuu dhowe, Waaqii qalbii ufitiin daallummaa oduu nu himnuutiin nama dhugeeffatu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa ogummaa Rabbiitiin adunyaan Rabbiin ogummaa ufiitiin waan hin beenneef worra lallaba gowwumma'aatitti amanan fayyisu'uuf fedhii Rabbii ta'eera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaa ogummaa Rabbiitiin adunyaan Rabbiin ogummaa ufiitiin waan hin beenneef lallaba gowwuma'aatitti worra amanan fayyisu'uuf fedhii Rabbii ta'eera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni biyya lafa tanaa ogummaa mataa isaaniitiin Waaqa beeku'uuf akka hin dandeenne Waaqinni ogummaa isaatiin isaanitti ni cufe, garuu akka gowumma'aa titti ka laakkayamu wongeela nu'u barsiifinnutti worra amanan fayyisu'uuf, fedhiin Waaqaa ta'ee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma'aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te'eera.